Filmiin Sardamaa, Filmii seenaa isaa sammuu namaa tuquudha. Jaalala, murtoo jireenyaa fi of-beekuu irratti xiyyeeffata. Dubbisi…
FILMIIN JECHUUN MAALI?
Filmii jechuun toftaa aadaan, eenyummaan, akkasumas haalli jiruu fi jireenya hawaasa tokkoo bifa aartiitiin itti dhihaatuudha. Jaalalaafi tokkummaa ummata gidduutti uumuun, dhaloota qaruu guddisuun, qarooma baballisuun akkasumas hegeree hawaasaa akeekuufi diriirsuuf qoodni filmiin qabu ol’aanaadha.
SEENAA GUDDINA FILMII AFAAN OROMOO
Seenaa Filmii Itiyoophiyaa keessatti Filmiin Afaan Oromoo, cunqursaafi dhiibbaa yeroo dheeraaf irra tureerraa kan ka’e, filmiin Afaan Oromoo yeroo fi haala qabatamaa uummatichaa waliin dagaaguu hin dandeenye. Yeroo ammaan tanaa haalli mijjaawaan jiraatullee, danqaan siyaasaa duraan tureefi rakkoon ilaalchaa jiru abbootii qabeenyaatiifi ogeeyyiileen baayyeen akka roga industurii kanaatti hin seenne taasisee jira.
Kanaaf, filmii Afaan Oromoo dorgamaa fi sadarkaa eeggate baay’inaan oomishuuf qormaanni guddaan kan ture yoo ta’u, Afaan guddicha gaanfa Afrikaa kanaan filmiin akka hojjatamuuf rakkoon ilaalchaa fi danqaa guddaa ta’eeti ture.
Haata’u malee yeroo ammaa, Filmiin komeedii tiraajeedii roomaantikii “Sardamaa” jedhamu, kan ogeessota ciccimoo fi beekamtii guddaa qabaniin hojjatame kun, rakkoolee olitti eeraman kana mara dandamachuun, baasii fi wareegama guddaan hojjatamee filmii ummataaf dhihaatee jiruudha.
FILMII SARDAMAA:
![]() |
| Suuraa filmii Sardamaa – Sardama Movie Posters |
Seenaa Sammuu Namaa Hawwatuu Fi Murtoo Jireenyaa Filmii Sardamaa..
Filmiin Sardamaa filmii Afaan Oromoo haarawa, yaada cimaa of keessaa qabuudha. Filmichi bashannana qofa osoo hin taane, seenaa qabsoo, waadaa fi jaalalaa kan sammuu namaa keessatti gaafiilee hedduu kaasu, akkasumas murtoo jireenyaa fi bu’aa murtoo sana irratti xiyyeeffata.
Barreessaa & Producer: Murad Mohammed
Daareektara: Firaa Mindaayee
QABIYYEE FI SEENAA GABAABAA FILMII SARDAMAA.
Qabiyyee fi seenaan filmii kanaa sababa alaa dhufiinsaa, of-qoolummaa dargaggeessa tokkoo, iccitii dhokataa, akkasumas waadaa obbolummaa dhugaa hiriyyoonni lama yeroo rakkoo waliin qabaachaa turan irraa ka’ee babal’ata. Kana keessaa hiriyyoonni jireenya jaalalaa keessa jiran dabalatee namoonni baay’een miidhamuun, hanga dhumaatti daba (shira) namni tokko hojjateen inni biraa miidhamuu isaa ni agarsiisa.
ERGAA IJOO FILMII
- Murtoon yeroo tokko fudhatamu bu’aa dheeraa qaba: Murtoon ati har’a fudhattu jireenya kee boruu irratti dhiibbaa qaba.
- Of-beekuun waan hundaan dura: Namni of hin beekne fi of hin to’anne salphatti of balleessuu danda’a.
- Jireenyi hin ariifachiifamu: Jireenyi itti yaadanii fi of-qorannoo gadi fagoo barbaada.
- Jaalalaa fi aangoo keessatti murtoo sirrii fudhachuu: Raawwii amala sirrii fi jaalala dhugaa akkamitti adda baafachuun akka danda’amu agarsiisa
- .Murtoon tokko jireenya guutuu jijjiiru akka danda’u fi Of-beekuun waan hunda dura akka dursuu qabu sirritti mullisa.
Walumaa galatti filmiin kun hawaasni ykn hiriyyoonni yeroo rakkoo akkamitti waliin dhaabbatan, toftaalee garaagaraa fayyadamuudhaan rakkoolee kana jala bahuuf carraaqan akka itti mul’atu taasifameera. Akkasumaas tokkummaa fi jaalala hawaasa jiddu jiru cimsuu, miidhaa dubartoota irra ga’u ittisuufi ilaalcha dogoggoraa namoonni biyya alaatiif ykn diyaaspooraa irratti qaban jijjiiruuf dhaamsa guddaa dabarsa.
AKKAATAA HOJII FI STYLE FILMICHAA
Afaan salphaa fi iftooma qabu: Dubbiin isaa nama hin nuffisiisu; salphatti gara sammuu daawwataa gala.
Seenaa suuta ijaarame: Seenaan isaa utuu hin ariifatin suuta suuta daawwataa harkisaa deema.
Miira namaa tuqu: Daawwattoota akka of ilaalanii fi jireenya isaanii wajjin wal bira qabanii yaadan taasisa.
MAALIIF FILMIIN SARDAMAA ADDA TA’E?
Filmiin kun dhugaa jireenyaa fi murtii jireenya hawaasa tokko keessatti mul’atu irratti xiyyeeffata. Waadaan hiriyyummaa hammam humna akka qabu, wal-falmii waadaa fi jaalala dhugaa jidduutti uumamu, eenyummaa sobaa fi of-tuulummaa dargaggeessa tokkoo dabalatee bal’inaan ibsa.
Gama biraatiin, filmii kun seenaalee bashannansiisoo fi nama hawwatan hedduu of keessaa qaba. Daawwattoota bashannana qofa barbaadan osoo hin taane, hiika jireenyaa fi ergaa gadi fagoo xiinxaluu barbaadan biratti fudhatama guddaa argatee jira.
YOOM-EESSA FILMII KANAA.
Filmiin komeedii, tiraajeedii, roomaantikii Sardamaa kun, Sa’aatii 1 fi daqiiqaa 50 kan dheeratu yoo ta’u, artistoota haarayaa fi kanneen muuxannoo qaban hedduun keessatti hammataniiti jiru.
Filmiin kun magaalaa seena qabeettii Dirree Dhawaa, akkasumas magaalaa Harar fi iddoolee turizimii seena qabeessa Godina Harargee Bahaa qabu keessaa tokko Haroo Haramaayaa dabalatee, iddoowwan biroo baayyetti kan hojjatameedha.
TRAILER/BEEYSISA FILMII SARDAMAA.
🎬 https://youtu.be/xqp08-4QMSg?si=Ep4B4ernbfRat2Is
Trailer filmii Sardamaa|Sardamaa Movie trailer
Barreessaa Murad Mohammed irratti odeeffannoo dabalataa: [as tuqaa]
XUMURA
Filmiin Sardamaa hojiilee Artist Murad Mohammed keessaa isa guddaa fi hiika addaa qabuudha. Filmichi filmii Afaan Oromoo gara sadarkaa yaadaa fi xiinxala jireenyaatti ol-kaasuuf qooda isaa bahatee jira.
Ati filmii Sardamaa laaluuf qophiidhaa?Akkas yoo ta'e filmiin guutuun kunooti!h
🎬 https://youtu.be/0iJJ4_Do1yg?si=kLBpaxFYiLbBN3wo
Eega daawwattan booda yaada keessan gadi fageenyaan nuuf barreessaa! Post kanaas share gochuu hin dagatinaa.

Wawu kuni filmii afaan Oromoo sadarkaa iaa eegateedha. Baayyeen jaaladhe, Jabaadhaa!
ReplyDelete