Xoobbiyaan (Ethiopia) yeroo jalqabaatiif gaafa Harar dhufte gamoo ( ፎቅ) Ijaan agarte.
👉 Kuni qoosaa miti. Waan barreessitoonni isaan barreeysan dubbisaa!
![]() |
| Gamoo durii yeroo jalqabaatiif magaalaa Harar keessatti ijaarame — ijaarsa waggoota 100 ol lakkoofsisan keessaa tokko, kan qarooma magaalaa yeroo sana agarsiisu. |
HARAR FI QAROOMA
Dur dur namni Itoophiyaa biraa keeysa jiraatu tokko, magaalaan maal akka taate hubachuuf Harar dhufuun dirqama ture. Ati kutaa kamirraahuu dhufnaan gaafa Mana walirratti ijaarame ykn Qallaa/Gamoo agarte, Osoo laaltuuti lafti siin meeratti. 😀 Kuni waggaa 150 dura.
👉 Yaadannoo Fitawrari Tackle Hawariyat
Fitawrari Tackle Hawariyat Gaafa lola Calanqoo umriin isaa ganna 9 ture. Yeroo Axee Minilik waliin Harar dhufe waan joollummaa isaatiin arge yoodannoo isaa irratti akkasitti barreeyse.
"የግንብ ከተማ በቤት ላይ ቤት የተሠራበት አይቼ አላውቅም፡፡ ሱቆች እና መደብሮች በውሰጣቸው ሰንትና ሰንት ዐይነት የባሕር ዕቃዎች የተደረደሩባቸው እና የተሞሉባቸው ናቸው፡፡ ይህን ሁሉ ባንድ ጊዜ ማየት በባለገር ውሰጥ ላደገ ልጅ ያሰደንቃል? ራሰ ያዞራል፤ ልብ ያማልላል፡፡ (ፊታውራሪ ተክለ ሐዋርየት 1999)"
👉 Hiikkaan Isaa:
"Magaalaa Darbii tan manni mana gubbaatti jaarame argee hin beeku, Shaqaxaaleen meeyshaalee Baharaa (Alaa dhufan) kan gara garaa Turjii gubbatti guuramanii guutaniiti jiru. Kana hunda bakka takkatti arguun nama Baalagarii(Magaalaan alatti) Guddateef raajiidha. Dachiitu Shirr namatti ja'a, Onneetu nama hamuuna."
(Fitawrari Tackle Hawariyat, Autobiography in Amharic, 2008/9)
======================
👉 Achumaanuu gamoon suuraa irratti agartan tuni, Waggaa 140 dura waajjira Abdullaa Mootii turtee qabadhaa.
👉 Harar yeroo sanii:
Gaafa sana Magaalaan takkittiin Tajaajila Baankii, Kaartaa Manaa, Maxxansa Maallaqaa, Warshaa Khophee, Gaazexaa dhunfaa ... qabaachaa turte Harar ja'amti.
👉 Nuti Xoobbiyaa ija irraa bannee, Ammayyeeysinee Qaroomaan wal barsiifne waan taheef, Galata guddaatu nuun mala.🙏
✍️✍️ Murad Mohammed
#Harar #Qarooma #SeenaaItoophiyaa #Oromoo #Ethiopia #History #viralpost
