SULXAAN SALAAHUDDIIN AL-AYYUUBII
Seenaa addunyaa Islaamaa kheeysatti, maqaan tokko yeroo kaafamu/waamamu onneen diinootaa ni rifatti, qalbiin mu'umintootaa ammoo ni boonti, goonni fakkaata hin qabne kun 'Sulxaan Salaahaddiin Al-Ayyuubii' jedhama.
![]() |
| Sulxaan Salaahaddiin Al-Ayyuubi |
Sulxaan Salaahaddiin Al-Ayyuubiin, goota magaalootaa fi Mooraa/Masaraa mootumummoota yeroo sanii 50 (Shantama) ol, kan harka mootummoota waraanaa warra fannoo (Crusaders) jala turan, gootummaan dhuunfatee injifannoo guddaa galmeeyseedha. kana qofa osoo hin taane, lafa Falasxiin/ iddoo eeybifamtuu Al-quddus dhiigaa fi aarsaa barbaachisu kafaluun goota bilisoomseedha.
⚔️ Sulxaan Salahaddin Ayyuubi: Goota Gara-laafinaan Addunyaa Mo’ate.
Maqaan goota Sulxaan Salahad-Din Ayyuubii /Yusuf ibn Ayyuubii yeroo dhahamu, namoota hedduuf kan dura gara sammuutti dhufu gootummaa waraanaatii fi injifannoo isaati, Hata’uu malee Salahuddin goota waraanaa qofa hin turre; inni mallattoo haqaa, obsaa fi gara-laafinaati.
🌿 Dhaloota fi Guddisa Isaa
Sulxaan Salahuddin bara 1137 keeysa magaalaa Tikrit (Iraaq ammaa) keeysatti kan dhalate yoo ta'u, Garuu guddinni isaa qubsuma Sirna bulchiinsa mootummaa Zangii kan taate, magaalaa Damaaskoo (Damascus) keeysa ture.
Sulxaan Salaahuddiin, Ijoollummaa isaatti barnoota amantii, seeraa fi ogummaa dubbisuu irratti kan xiyyeeffate waan tureef, kaayyoon isaa ajajaa waraanaa ta’uu hin turre. Hata’u malee, adeera isaa Asad ad-Din Shirkuh (Ajajaa ol-aanaa waraana mootummaa Zangii) kan ture jalatti leenjii waraanaa fudhachuun, lola waraanaa yeroo gargaraatti gaggeeysuun injifannoo goonfachuu jalqabe, bifuma kanaan adeera isaa Shikuh waliin gara Gibxiitti duuluun isaa muuxannoo lolaa guddaa isaaf kenne, lola kanaaniis injifannoo guddaa goonfatee biyya Gibxii (Egypt) sirna bulchiinsa Zangii jalatti deebise.
Kanarraa ka'uun, Bara 1169tti Salahaddin, Ajaja Sulxaana Mootummaa Zangii (Gaachana cimaa amantii islaamaa) kan ture, Sulxaan Nuuraddiin Zangiitiin, Gibsti (Egypt) keeysatti yeroo jalqabaatiif Vizier (hogganaa tajaajila mootummaa) ta'uun muudame.
Yeroo muraasa booda yeroo Sulxaan Nuuraddiin Zangiin du'aan boqotanii fi mootummaan Faaximii xumuretti, Mootummaa Ayyuubid (Ayyuubii) hundeeyse.
🎯 Kaayyoo Isaa Gurguddoo
Yeroo kanatti Sulxaan Salahaddin Ayyuubiin, Kaayyoo gurguddoo sadii milkeeysuuf cichanii hojjechaa turan:
1, Addunyaa Muslimaa bakka heddutti qoqqoodamee/Faffaca'ee ture walitti fiduu (Tokkoomsuu).
2, Iddoowwan Eeybifamoo/qulqulluu (Yerusaalem dabalatee) harka khaafiraatii baasanii sirna bulchiinsa Muslimootaa jalatti deebisuu.
3, Nagayaa fi haqaa dhabamee ture hawaasa keeysatti deebisee diriirsuun addunyaaf tasgabbii buusuu dha ture, kanaas akkuma karoorsetti hojiin dhugoomsuun Sulxaana haqa, dhugaa fi gara-laafummaan addunyaa hooggane tahuu danda'e.
⚔️ Lola Hattin fi Injifannoo Seenaa Jijjiire
Sulxaan Salahaddin, Bara 1187 keessa, lola seenaa keeysatti bakka guddaa qabu, Lola Hattin (Battle of Hattin) irratti waraana Fannoo (Crusaders) humna guddaa qabaachaa ture caccabsuun injifate. Injifannoo kanaan booda, waggoota 88 booda dachee Eeybifamtuu Qudduus (Yerusaalem) harka Muslimootaatti deebise.
Injifannoo kana booda Wanti addunyaa fi diinoota isaatille ajaa’ibsiise kana hin tirre, Sulxaan Salahaddin yeroo magaalaa Qudduusi (Yerusaalem) deebisee qabatu, akka loltoota warra kaanii ajjeechaa fi saamiicha ykn haaloo bahuu tokko osoo hin raawwatin, Kiristaanota dabalatee hordoftoonni amantaa biroo kan magaalattii keeysa jiraniifis akkuma muslimootaa mirga nagayaan bobbahanii galuu ykn keeysa jiraachuu kennuufi yoo barbaada ammoo nagayaan bahuu akka dandahan hayyamuufii isaati. Gara-laafinaa fi seera amantii muslimaa sirritti hojiirra olchuun isaa diinota isaa biratti illee kabaja guddaa akka argatu isa taasisee.
🌙 Xumura
Sulxaan Salaahuddiin Al-Ayyuubii goota waraanaa qofa hin turre. Inni mallattoo haqaa, obsaa fi gara-laafinaa ture. Injifannoo isaatiin lafa bilisoomse; amala isaatiin immoo qalbii namoota mo’ate.
Goota dhugaa Sulxaan Salahaddin Ayyuubii, Rabbiin guddaan Jannata isaatiin isa haa qananiisu.🙏🙏
✍️✍️ Murad Mohammed
Amajjii, 28/2026
Dirree Dhawaa irraa.
🔎 English
🏹 SULTAN SALAHUDDIN AL-AYYUBI
The Just and Merciful Leader Who Changed History
In Islamic history, one name commands both fear and admiration — Sultan Salahuddin Al-Ayyubi.
Saladin, born in 1137 in Tikrit, was raised in Damascus, where he studied religion and law. He did not initially aim to become a military commander. However, under the guidance of his uncle Asad ad-Din Shirkuh, he gained military experience during campaigns in Egypt.
In 1169, appointed by Nur ad-Din, he became Vizier of Egypt. After the fall of the Fatimid rule, he founded the Ayyubid dynasty, uniting large parts of the Muslim world under his leadership.
🎯 His Major Goals
- To unite the divided Muslim territories
- To liberate the holy city of Jerusalem
- To restore justice and stability
⚔️ The Turning Point: The Battle of Hattin
In 1187, at the decisive Battle of Hattin, Salahuddin defeated the Crusader forces. Soon after, he recaptured Jerusalem, returning it to Muslim rule after 88 years.
What made him extraordinary was not just his military success, but his mercy. When he entered Jerusalem, he did not order massacres or revenge. Christians and others were allowed to live peacefully or leave safely. His justice and compassion earned him respect even among his enemies.
Salahuddin was not only a warrior. He was a symbol of justice, patience, and humanity.
