AL-KHAWARIZMI – ABBAA ALJEBRAA
Mee arra barruu gabaabduu tanaan waa’ee goota herregaa beekamaa addunyaa tanaa kana ta'e Al-Khawariziim/Abbaa Aljebraa, gabaabinaan haa ilaalluu.
![]() |
| Muhammad ibn Musa al-Khwarizmi – Abbaa Aljebraa |
Hayyuu Islaamaa kana maqaan isaa kan sirrii 'Abu Ja'far Muhammad bin Muusa' ja'ama, Al-Khwaarizmiin bu'uura aljebraa, Algoorizimii fi qajeelfama bu'ura herrega ammayyawaa kaa'uun, addunyaan har'aa kompiwutaraa fi interneetii akka argattu hayyuu taasisee dabreedha.
- Bu’uura Teeknoolojii Har’aa
Ogeeyyiin gurguddoon hedduun akka ragaa ba'anitti, qorannoon herregaa ammayyawaa hundinuu bu'uura inni kaaye irraa kan madde yoo ta'u, yaad-rimeen "Algorithm" jedhuu fi utubaa teeknoolojii har'aa kan tahe kuniis maquma isaa irraa akka fudhatame raga bahu. Al-Khwaarizmiin addunyaa saayinsii keeysatti "Abbaa Kompiwutaraa" jedhamee kan yaamamuufis, yaada isaa malee teeknoolojii ammayyawaa yaaduun waan hin dandayamneefi dha.
- Jijjiirama Lakkoofsa Addunyaa.
Mee zeeroo irraa jalqabaa, lakkooysa tartiibaan itti aanan barreeysaa: 1, 2, 3, … yeroo kudhan geeysan booda lakkoofsa biraa barreeysuu hin dandeeysan. Kana jechuun, lakkooysa “Kudhan” barreeysuuf tokko fi zeeroo walitti fiduun dirqama taha, bifuma kanaan lakkooysoota biroo barreeysuufis mallattoolee kana fayyadamna.
Haatahuu malee bara durii akkas hin turre. qaroominaan tarree duraa keeysatti kan ramadaman, Warri akka Gibxii duriitilleen sirna barreeyfama isaanii “Hieroglyphic” jedhamuun sadarkaa kanarra gahuu hin dandeenye. Isaan lakkooysa akkanaa barreeysuuf bifa fakkii adda addaatiin agarsiisu turan. Warri Roomaa immoo qubee akka lakkooysaatti itti fayyadamuu turan. Sirni lakkooysaa hayyuu kana dura turan hundi isaanii lakkooysa guddaa barreeysuu keeysatti hanqina qabu ture.
Kana jechuun, Namoonni durii herrega bu’uuraa Arithmetic fi Geometry qofa beeku turan. boodarra garuu hayyuu fi ogeessi guddaan Khwarizm keeysatti dhalate fi Bagdaad irraa dhufe kun damee haarawa “Al-Jabr” jedhamu uumuun addunyaa herregaa keeysatti jijjiirama addaa kan hanga ammaa addunyaan itti dhimma bahaa jirtuu fi bu'uura qaroomina ammaa tahe kana lafa kaayan.
![]() |
| Muhammad ibn Musa al-Khwarizmi – Abbaa Aljebraa |
- Xumura
Hayyuun giddichi Baagdaad irraa dhufe kun, jalqaba dameewwan herregaa lama irratti qorannoo haaraa jalqabe. Bu’aa qorannoo isaa kanaaniis kitaaba “Hisabul Jabr wal-Muqabala” jedhuun maxxanse. Kitaabni kun ogeeysoota gara garaatiin yeroo dubbifamu, damee herregaa haarawa, mala, fi tooftaalee haarawa of keeysaa qabu ta’uun beekame. Kanaaf dameen herregaa haaraan maqaa kitaabichaa irraa fudhatamee “Al-Jabr” jedhame. Yeroo gara Afaan Laatiinitti hiikamu immoo maqaan isaa “Algebra” ta’e.
Hayyuu isaalamaa kana fuulli Rabbii itti haa tolu🙏

