Sulxaan Muhammad Al-faatih
![]() |
| Muhammad Al-faatih Sultan |
Magaalaan Qusxanxiiniyaa (Istaanbul) waggoota dhibba saddeet guutuu akka waan humni ishee cabsee seenu addunyaa irratti hin uumamneetti cimtuu turte.
Mootummoonni gurguddoon kan akka Umayyaa fi Abbaasiyyaa dabalatee loltoonni kuma dhibba hedduutti lakkaawaman yeroo baay’ee itti marsaniis, dallaa ishee cabsuu hin dandeenye. Sababni isaas, magaalittiin akka waan uumamaanuu tikfamtuu taateetti; kallattii sadiin bishaaniin marfamtee, gama tokko qofa bo’oo bal’aa, qoraattii sibiilaa fi dallaa dacha sadii kan madaala hin qabneen marfamtee jirti. Dallaan ishee inni dhumaa meetira 18 dheerata, furdinni isaa ammoo meetira shan ta’a. Bishaan irraan ammoo "Ibidda Giriikii" kan bishaaniin hin dhaamneen doonii diinaa barbadeessu turan. Keessi ishee kuusaa bishaanii fi nyaataa waggaa hedduuf gahu waan qabduuf, qoqqobbii ykn marfama keessa galchanii ishee mo’uun abjuu ture.
Haa ta'u malee, bara 1453 keessa, dargaggeessi onnee fi hayyummaan isaa adda ta'e, Muhammad Al-Faatih, tooftaa waraanaa haaraa fi madfii gurguddaa addunyaan kana dura argitee hin beekneen dhufe. Inni kallaattii hundaan itti dhufee, dallaa waggaa 800 mo'amee/diigamee hin beeyne sana diiguun waadaa Nabiyyiin keenya (SAW) dura dubbatan dhugoomse. Qusxanxiiniyaan humna waraanaa qofaan osoo hin taane, amantii jabaa fi tooftaa addaatiin injifatamuun ishee seenaa addunyaa jijjiireera.
Qusxanxiiniyaa durii Istaanbul ammaa magaalaa tarsiimoo fi filatamtuu taate hooggansa Muhammad Al-Faatih n yeroo harka muslimootaa seentu daran simboo addaan faayamte.
Masha Allah!
Maddi, Fuula Facebook Jechoota Gaggaarii
#ShareThisPost
