🎼 MIRRIGA / MIRRIIYSA
Kuusa Beekkumsaa fi Calaqqee Aadaa fi Eenyummaa dagatamuu hin qabne.
![]() |
| Mirriga jechuun sirba qofa miti; seenaa, aadaa fi heera Oromoo of keessatti baatee dhalootatti dabarsuudha. |
Mirrigni (yookaan Mirriysi) sirboota aadaa iddoo guddaa fi ulfina qaban keessaa isa tokko yoo ta’u, addatti Oromoota Bahaa biratti bakka guddaa qaba.
Keessattuu, Oromoota gosa Ituu, Karrayyuu fi Afran Qalloo biratti bal’inaan kan beekamu yoo ta’u, hundeen (bu’uurri) isaa gadi fageenyaan lafa qabatee kan argamu Oromoota gosa Ituu naannoo Carcar (Harargee Lixaa) keessa jiraatan biratti.
Kunis kan ta’eef, Oromoonni Ituu hundeeffamaa fi tiksuu Wiirtuu Odaa Bultum waliin hidhata addaa qabaachuu isaaniitiin wal qabata. Odaan kun bakka seera tummaa fi walga’ii bulchiinsa aadaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba; Mirrigni/Mirriiysi ammoo sirba ijoo ayyaanootaa fi walga’iiwwan seenaa kana yaadachiisuuf sirbamuudha.
🏺 MADDA OGUMMAA FI HEERAA
Oromoonni gosa Ituu Mirriga/Mirriiysa akka “Galma Kuusa Beekkumsaa” tti ilaalu. Sababni isaas seenaa, aadaa, duudhaa fi seerri isaanii baay’een Mirriga/Mirriiysa keessatti gadi fageenyaan kuufamanii jiru.
Akkasumas, seeronni gosa Ituu hedduun hiika isaanii salphaatti Mirriga/Mirriiysa keessatti hubatamu. Kanaaf, Mirriga/Mirriiysa akka heera ittiin baratanitti fayyadamu.
Walaloon armaan gadiis gahee Mirriiysa ibsa:
“Foon nyaatti malee adurree ilkaan meetaa,
Namaatu hin beyne malee mirriga keessi heera.”
🏛️ YOOM FI EENYUUN SIRBAMA?
Mirrigni/Mirriiysi sirba hayyoota qofaan dhiyaatu (Elite/Elicitic) yoo ta’u, namni hundi akkanumatti sirbuu hin danda’u. Beekkumsaa fi dandeettii addaa gaafata; kanaaf bakka hundatti hin sirbamu.
Yeroo baay’ee haalota armaan gadiitti dhiyaata:
- Yeroo hoggantoonni gosaa fi hayyoonni dhimma biyyaa fi gosaa irratti mari’achuuf walitti dhufan.
- Yeroo ayyaaneeffannaa gurguddaa, akka waltajjii Odaa Bultum irratti.
📜 AKAAKUU WALALOO MIRRIGAA
Walaloon Mirriga/Mirriiysaa bakka gurguddoo lamaatti qoodama:
1. Walaloo Duudhaa (Traditional)
Kan dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufe. Seenaa, aadaa fi heera irratti xiyyeeffata.
(Hogganaan gosaa yookaan miseensi Caffee Odaa Bultum tokko, Mirriga kana beekuun ulaagaa hoggansaa isa duraati.)
2. Walaloo Haarawaa (Non-traditional)
Kan yeroo ammaa kalaqamu.
📜 HEERA WARQEE ODAA BULTUM
Walaloon Mirriga/Mirriiysaa duudhaa dhalootaa dhalootatti dabraa dhufe akka “Galaana Beekkumsaa” tti ilaalama.
Keessattuu, hogganaan gosaa yookaan miseensi Caffee Odaa Bultum tokko beekumsa kana qabaachuun dirqama.
Walaloon armaan gadiis akka Heera Warqee (Golden Constitution) tti beekkamti:
Afuriin Odaa bule shaniin “Darrabbaa” bule
Darraabbaa halkan heeraa gariin maal hasaasaa bule
Okholee saddeetin heeree, okkotee saddeetin heeree
Khorma saddeet heeree, khilla saddeet heeree
Ciicoo saddeet heeree, haqaaraa saddeet heeree
Siinqee saddeet heeree, Dhibaayyuu saddeet heere
Waraana saddeetiin heere, fal’aana saddeetin heeree
Eela saddeet heere, goojjoo saddeet heeree
Daadhii Bookhaa nannaqee, deyma wal-kheessa tufe
Mee akka galaana kufee siitu garaa nadhufe.
🔍 HIIKKAA WALALOO TANAA
“Afuriin Odaa bule” jechuun gosa Ituu damee Galaan (Baabboo, Alga, Gaadullaa fi Elelle) kanneen heera baasuu fi dhimma siyaasaa irratti hirmaatan agarsiisa. Qaalluun immoo gosa shanaffaa yoo ta’u, siyaasa irraa bilisa ta’ee akka hogganaa amantii fi araaraatti tajaajila.
Akkasumas, meeshaaleen akka Okholee, Ciicoo, Siinqee fi Waraanaa lakkoofsa “saddeet (8)” waliin eeramuun isaanii, seerri jireenyaa guutuu uummata gosa Ituu keessatti wantoonni hedduun lakkoofsa kanaan murtaa’anii labsaman ta’uu agarsiisa.
💡 YAADA GOOLABBII
Walumaagalatti, Mirrigni/Mirriiysi sirba qofa osoo hin taane, kuusa seenaa, seera, aadaa fi eenyummaa Oromooti.
Kuusaa beekumsaa dhalootarraa dhalootatti dabraa dhufe waan ta’eef, Oromoota Bahaa biratti bakka guddaa qaba.
❓ GAAFII DHALOOTA KANAAF
- Dhaloonni keenya waa’ee Mirriga/Mirriiysaa maal beeka?
- Aadaa, seenaa fi eenyummaa keenya tiksuu irratti shoora keenya maal fakkaata?
- Qaamooleen mootummaa fi hawaasni maal hojjechaa jiru?
Gaaffileen kunneen deebii barbaadu.
✍️ Barreessaan: Murad Mohammed
🔔 Nu Hordofaa
👍 Like | 🔁 Share | 💬 Comment
📲 Bashannanaa fi beekumsa dabalataa argachuuf:
Telegram: https://t.me/ToltuuEntertainment
YouTube: https://www.youtube.com/@ToltuuEntertainment
Facebook: https://www.facebook.com/ToltuuEntertainment
Blogger: https://toltuuentertainment.blogspot.com
#Mirriga #OromoCulture #OromoHistory #AadaaOromoo #OdaaBultum #ItuuOromoo #Oromia #AfricanCulture
