MANNEEN MUUZIQAA DIRREE DHAWAA
Dirree Dhawaa keessatti manneen muuziqaa shanan – Negaarit, Imbiltaa, Masnooyi, Salaam fi Bilqiisaan – seenaa muuziqaa afaan Oromoo keessatti gumaacha isaanii hanga hin qabu.
Seenaa Muuziqaa Fi Magaalaa Dirree Dhawaa
Muuziqaa maqaa dhooynaan magaalaa Dirree Dhawaa kaasuun dirqama. Keeysaafuu waa’ee muuziqaa afaan Oromoo kaafnaan magaalaa Dirree Dhawaatu dura yaadatama. Nutiis barruu teenya tanaan seenaa manneen muuziqaa shanan Dirree Dhawaa qofatti arkamanii gabaabinaan kan ilaallu taha.
Magaalaan Dirree Dhawaa magaaloota baha Itoophiyaa keessaa magaalaa manni muuziqaa yeroo jalqabaatiif itti dhaabbateedha. Bara durii osoo akka arraatti teeknooloojiin hin baballatin dura, jiraataan haha Itoophiyaa, Suphee {Shaklaa}, muuziqaa ykn kaaseeta muuziqaa bitachuu barbaadu tokko fedhii isaa guuttachuuf gara magaalaa Dirree Dhawaa imaluun dirqama ture. Yoo ofiifillee deemuuf haalli mijjaahu baate, nama amanamaa tokkotti galchaa kennuun baratamaadha ture.
Manneen gurgurtaa muuziqaa gara magaalota birootti yeroo babal’achaa dhufan, manneen muuziqaa Dirree Dhawaatti argamaniis gara manneen maxxansa muuziqaatti guddachaa dhufan. Haala kanaan, waggoota dheeraadhaaf akka baha biyyattiittu manneen muuziqaa Dirree Dhawaa naannicha keeysatti muuziqaa kan maxxansu isaan kana qofa turan.
Ali Shabboo Fi Maxxansa kaaseeta jalqabaa.
![]() |
| Maxxansa kaaseetii jalqabaa Ali Shabboo bara 1972. |
Yeroo jalqabaatiif magaalaa Dirree Dhawaa keeysatti tokko ja'ee kaaseetii muuziqaa maxxansuun karra kan saaqe, Weellisaa Gameessa, Dooktara Kabajaa Aartisti Alii Shabboodha ture. Kaaseenni Alii Shabboon bara 1972 keeysa hojjete kun, Seenaa magaalaa Dirree Dhawaa keeysatti isa jalqabaati. {Suphee ykn Shaklaa fi Kaaseetiileen san dura turan Finfinnee fi Asmaraatti maxxanfamaa turan.}
Itti aansuun Dr Alii Shabboo dabalatee, Artistoonni akka Halloo Daawwee, Himee Yuusuf, Gaddisaa Abdullahii, Aadam Haarun, Kadiir Sa'id, Alimaaz Taferraa, Ahammad Kabiiraa, Ahammad-Nuur Mahammad {Fandishee}, Muussaa Turkii, Faaxumaa Abbaas, Abdii Habiib, Yaassiin Ahammad, Jamaal Ahammad, Abraahim Baadiyyaa, Aadamee Ibsaatii fi Abdii Abraahim faaniis hojii isaanii bara 1972-1983 keeysa hojjatan magaalaa Dirree Dhawaa keesyatti maxxansuun ummataaf dhiheeysaa kan turan yoo ta'u, Kufaatii mootummaa Dargii booda ammoo hojiiwwan muuziqaa baayyeen hanga ammaatti jaalataman guutumaa guututti haala nama jachisiisuun magaalaa Dirree Dhawaa keeysatti maxxanfamaniiti jiran.
![]() |
| Maxxansa kaaseeta jalqabaa artist Halloo Daawwee. |
Manneen Muuziqaa Jalqabaa 5n
Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti, manneen muuziqaa shan hojii maxxansa muuziqaa gaggeessaa turan: Negaarit, Imbiltaa, Masnooyi, Salaam, fi Bilqiisaa. Isaan keessaa inni beekamaan Negaarit Music House ture.
1. Mana Muuziqaa Negaarit
Negaarit Music House bara 1972 kaaseetii jalqabaa Alii Shabboo maxxanse. “Negaarit” maqaa fi mallattoon isaa dibbee guddaa (ulee lamaan rukutamu) fayyadamu ture. Artistoota beekamoo mana kanaan maxxansan keessaa: Kadiir Sa’id, Halloo Daawwee, Abdii Abraahim, Abraahim Baadiyyaa, Ahammad-Nuur Muhammad {Fandishee}, Ahammad Kabiiraa. Kaaseetii 1982 keessatti Halloo Daawwee, Aadam Haarun, Alimaaz Taferraa fi Kadiir Sa’id gamtaadhaan hojjetan. Bara 1981–1983 ammoo hojii Afaan Amaaraatiin hojjetamaniis dhaggeeyfattoota biraan gahaa ture.
![]() |
| Asxaa (logo) Mana Muuziqaa Negarit |
2. Mana Muuziqaa Imbiltaa
Imbiltaa Music House hojii Dr. Alii Shabboo maxxansuudhaan beekama. Hojii Dr. Alii Shabboo keessaa “Haroo Haramaayaa” bara 1972 kan Negaarit irraa maxxanfame qofa mana kanaan hin maxxanfamin ture. Asxaa mana kanaa, saree shubbisaa jiruu fi luutee taphachaa jiru ture.
![]() |
| Asxaa (Logo) Mana Muuziqaa Imbiltaa. |
3. Mana Muuziqaa Masnooyi
Masnooyi Music House Aadam Haarun hedduu maxxanse. Manni muuziqaa kun maqaan isaa barreeyfama dachaatiin barraawe yoo ta’u, asxaa addaa kan ittiin beekkamu hin qabu. Kaaseeta maxxansu irratti teeysoo isaa guutuu “Dirree Dhawaa, Magaalaa Kooneel Sefer” jedheeti barreeysuu ture.
4. Mana Muuziqaa Salaam
Salam Music House hojii Himee Yuusuf fi Jamaal Ahammad maxxansee akka ture ni yaadama. Asxaan mana kanaa risaa afaaniin kaaseetii muuziqaa qabatee balali’aa {barrisaa} ture.
5. Mana Muuziqaa Bilqiisaa
Bilqiisaa Music House qalbii ummataa keessatti seenuu danda’e. Bara 1977 yeroo kaaseetii Alimaaz Tafarraa jalqabaa maxxansetti ture. Bara 1985 Nuhoo Goobanaa fi Qamar Yuusuf maxxansuun maqaa isaa ol-aantummaa biyyattii keeysatti galmeeysuu danda’e. Mallattoon addaa mana kanaa sammuu koo keessatti hin qabamuu, garuu halluu hedduu fayyadamee yaadatama.
Xumura
Yeroo ammaatti, manneen muuziqaa shanan Dirree Dhawaa hojii ala ta’aniiti jiru. Haa ta’u malee, maqaan Dirree Dhawaa yeroo ka’u hunda, muuziqaa fi maqaan manneen muuziqaa kanaa ka’uu isaa hin oolle. Guddina aartii keeysatti gumaacha magaalaa Dirree Dhawaa yeroo dubbannu, gumaacha manneen muuziqaa kanaa dagachuun hin danda’amu.
%20(2).jpg)
%20(3).jpg)
%20(4).jpg)
%20(1).jpg)