SHANTAM SHUBBISAA (LAAYBIRARII GUDDICHA)
![]() |
| Artist Shantam Shubbisaa |
LAAYBIRARII GUDDICHA HAYYUU AFAAN, AADAA FI SEENAA
Wallisaa ganamaa isa Dr Ali Birraa fi Dr Ali Shabboo waliin Afaan Oromootiin taakka ja'ee wallise, Unkursaa walaloo isa Abubakar Muussaa waliin dursee jechoota guduunfee dhama walaloo nu dhandhamsiisee hog-barruu unkure.
GAAZEXEESSAA FI QABSAWAA GANAMAA
Gaazeexeessaa ganamaa Sheekh Mahmad Rashaad Abdulleetiifi Ayyuub Abubakar waliin Afaan Oromoo akka reediyoo hin cabsine mirkaneeyse. Qabsawaa ganamaa kan Sooreessa Jaarraa Abbaa Gadaa waliin qabsoo bu'uuree hadhaa hidhaa waggaa 5 waliin habbuuqqate.
![]() |
Bara 1977 Siiriyaa keessatti suuraa kaafame. |
SEENAA GOOTUMMAA
Ee waahila Elemoo Qilxuu kan Edanii hamma filisxeemitti leenjii waraanaa waliin fudhatee, isa yeroo jalqabaatiif Yoonis Abdullaahitti aansee Artiidhaan hadhaa gabrummaa lallabee wallee warraaqsaa wallise.
![]() |
| Bara 1975 Yamen, Sana'aa. |
AJAA'IBA!!!!!
Qaroomaa hamma daandii bilisummaatti roga kamuunuu warra daandii saaqe hoggaa maqaa dhooyte maqaa nama tokkoo keeysaa hin dhabdu. Shantam Shubbisaa (Adeeroo Shantam).
MIIRA KOO IRRAA
Laaybirarii guddicha lubbuun ni jiddutti argamu hayyuu seenaa fi Afaanii haasooyni isaa hin quufamne. Dhugaa dubbachuuf namniin hoggaan arke hunda maaykii dura qabuu fedhu, kaniin gaafaan isa dubbise hunda bagaan gaazexeessaa tahe ja'ee keeysi koo na gammadu (turtiin isaan waliin dabarsu hunda akka waaniin mana barnootatti dabarsuttiin of laalu).
![]() |
| Artist Shantam Shubbisaa |
![]() |
| Suuraa Shantam Shubbisaa |
Adeeroo Shantam fi Mahmad Qophee Rabbiin Umrii nuuf haadheereeysu.




