⚔️ Seenaa Gootaa Islaamaa Alb Al-Arslaan Fi Injifannoo Malaazkird (1071)
Akkamitti Loltoota 20,000 (Kuma diigdama) qofa qabatee, waraana guddaa Biizaantayiin kan baayyiinni loltoota isaanii kuma dhibbaan lakkaawamuu injifachuun, Emperer isaanii Romaanos IV illee booji’e?Seenaan asii gadii kun gaafii kanaaf deebi qaba!
![]() |
| Suuraa Gootaa Islaamaa Alb Al-Arslaan Fi Injifannoo Malaazkird (1071) |
Bara 1071, humni waraanaa guddaan mootummaa Biizaantayiin hoggansa Emperer Romaanos IV jalatti walitti qabamee Muslimoota irratti duula guddaa bane. Kaayyoon duula isaanii kuniis ifa ture: Muslimoota lafarraa balleeysuu fi Ka’abaa diiguudha.
Yeroo sanatti mootummaa Islaamaa guddaa kan ture mootummaan Abbaasiyyaan dahoo amantii ta’us, humna waraanaa gahaa diina duraan dhaabbatu hin qabu ture. Garuu daangaa mootummaa sanaa irratti mootummaa xiqqaa tokkootu ture, inniniis motummaa Saljuuqota kan goota jabaa maqaan isaa Alb Al-Arslaan jedhamuun durfamu ture.
Yeroo sanitti Alb Al-Arslaan duula waraanaa biroo irraa hoggaas deebi'uu isaati, baayyina loltoota isaa kuma 20 hin caalle qabatee yeroo deebi'utti, oduun duula Biizaantayiin hooggansa Emparer Romaanos 4ffaa tiin durfamuu isa dhaqabde.
Yeroo kanatti Alb Al-Arslaan lola dhiisee nagaya buusuu filaye, garuu mootichi Biizaantayiin boonaan guutamee, "Qabeenyi Muslimootaa hundi nu hin gitu, nuti fedhiin keenya amantii isaanii fi iddoo amantii/waaqeffannaa isaanii guutummaatti balleeysuudha," jechuun dhaadatee waamicha nagayaa tuffate.
Kana booda Alb Al-Arslaan murtii dhumaa fudhate. Alb Al-Arslaan qaama isaa dhiqachuun, kafana du'aa uffatee loltoota isaa dura dhaabbatee. "Namni diin Rabbii ol qabuu irratti wareegamuuf qophaawe asitti haa hafu, namni manatti deebi’uu barbaadu ammoo haa deebi’u; guyyaan arraa guyyaa murtii Rabbii keeysaa tokko," jechuun lallabee waamicha dhiheyse.
Akkasumaas gorsi barsiisaa isaa (Sheeka isaa) "Lola keeysan guyyaa Jimmataa taasisaa, akka du’aa’iin Muslimootaan mimbaroota irratti taasifamu humna isiniif ta’uuf," jedhu yaadatee onnee isaa caalaatti jabaate
Lolli kuniis Iddoo Malaazkirdi (baha Turkii har’aa) keeysatti kan taasifame yoo ta'u Alb Al-Arslaan tooftaa waraanaa addaa fi iccitii qabu diriirse. Loltoota xiyya darbatan bakka dhiphoo gaarreen jidduu jirtu keeysatti dhoksee, itti aansuun waraanni Biizaantayiin gara jidduu sululaatti akka seenan tooftaan isaan harkise. Akkuma isaan sulula sana gsdi lixaniin, kallaattii hundaan itti marsee itti cufee xiyya akka bokkaatti irratti roobse. Iddoon dhiphoon sun waraana Biizaantayiniitiif boolla awwaalchaa ta’ee hafe. Saa'atii muraasa keeysatti loltoonni Biizaantayiin hedduun ni dhuman; Emparerri isaanii Romaanos Diyoojiiniisis harka Alb Al-Arslaaniin booji’ame.
Bifa kanan Injifannoon Malaazkirdi kun, humni amantii fi tooftaan waraanaa, baayyina loltootaa fi meeshaa lolaa caalee akka mohu ragaa gahaa ta'e;
kunis seenaa keeysatti ka’umsa guddina Turkootaa fi kufaatii mootummaa Biizaantayiniitiif mallattoo ta'ee galmeeyfame.
Seenaa kana irraa wanti hubatamu tokko: Amantiin jabaan, murannoo fi tooftaan waraanaa baayyina loltootaa caaluu akka danda’uudha.
🤲 Rabbi gootota Islaamaa kana irraa haa jaallatu.🙏🙏🙏
📢 Seenaa tana yoo jaallatte, #like fi #share godhuun Hiriyoota keetiif dabarsi.
#IslamicHistory #AlbAlArslaan #SeenaaIslaamaa
#MuslimHistory #History #OromoHistory

Waan bareedha dhiheessaa jirtu jabaadhaa👍
ReplyDelete