Imaamu Shaafiin, Naannawa Masjiida Al Haraamotti hayyoota amantaa barsiisan arkaa kan guddate yoo ta'u, umrii ijoollummaa isaatii kaasee, daree hayyoota adda addaa barachaa ture.
Yeroo Imaamu Shaafiin waggaa 7 guutu Qur'aana haffazuudhaan umrii 10tti Muwatta Imaamu Maalik haffafate. Imaam Shaafiin Qur’aana qara’uun isaa baay’ee kan namatti toluu fi kan tasgabbeessu waan ta’eef yeroo baay’ee imimmaan ija dhaggeeffattootaa keessaan dhangalaasa ture.
Imaam Shaafiin ogbarruu fi walaloo irratti fedhii guddaa qaba ture. Sababa kanaaf Makkaa gad dhiisee gosa gammoojjii Huzaayil jedhamu waliin jiraateef, afaanii fi ogbarruu Arabaa, dhugaa fi qulqulluu ta’e barachuufi.
Kanaaf imaam Shaafiin yeroo afaan Arabaa ilaallu nama wabii ta’e.
Kanaan alatti Imaam Shaafiin xiyyaa darbachuu kan danda’u yoo ta’u, farda yaabbachuu (Gulufsiisuu) irrattis caalmaa ture. Kana hundaan alattis Imaam Shaafiin damee qorichaa irrattiis ogummaa guddaa qaba ture. Amaloonni adda addaa fi hedduun sadarkaa sanatti kuufaman, Nama dhuunfaa tokkotti arguun, carraan jiru baay’ee xiqqaadha.
Barsiisaan amantii isaa inni jalqabaa yeroo sanatti barsiisaa amantaa Islaamaa isa guddaa Makkaa ture. Itti aansuunis Hadiisa Suufiyaa beekamaa ibnu Uhaayinaa irraa barate. Imaam Shaafiin umrii baayyee xiqqaatti Masjjidul Haram keessa barsiisuu eegale. Umurii isaa waggaa 16tti Imaam Shaafiin Ulamaa’ota gurguddoo yeroo san jiran keessaa tokko ta'e.
Imaamu Shaafiin yeroo jalqabaatiif Imaamu Maalik ibnu Anas irraa amantii barachuuf gara Madiinaa deeme.
Yoo xiqqaate waggaa 10 Imaam Shaafiin amantii kana Imaamu Maalik irraa barate. Imaam Maalik yeroo tokko milkaa'inni nama tokko hammachuu yoo barbaade dargaggeessa Shaafii ta'a jedheera. Imaam Shaafiin Iraaq keessatti Imaam Mohammad ibnul Hasan As-Shaibani jalattis barattoonni beekamoo Imaam Abu Hanifaa keessaa tokko turan.
Akka barsiisaatti Imaam Shaafiin barattoota isaa biratti jaalatamaa ture. Geengoonni barnoota isaa Makkaa keessatti dur baay'ee namaan guutama ture. Imaam Shaafiin Imaamtoota gurguddoo sadan Islaamummaa Sunnii keessa jiran irraa adda ta’ee baay’ee imala ture. Yeroo hedduu Bagdaad kan daawwate yoo ta'u, walumaa galatti waggoota lama lamaaf achi ture. Imaamni kunis Yaman fi Masrii daawwachuun waggoota muraasaaf achi tureera....
........ Itti fufa.......
Barreessaan, Murad Mohammed
